Duraan dursee ilmaan Oromoo hundaaf baga guyyaa yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara 2009 geessanin jedha.
Itti aansuun guyyaan seenaa qabeessaa fi ulfaataa har’aa kana irratti carraa argadhee maqaa SBOBAtiin haasawaa gabaabaa gochu koo fi dhaamsa sochichaa ilmaan Oromoof dabarsu koof gammachun koo daangaa hin qabu. Kanaaf amma illee irraa deebi’ee qabsawoti gumaa wareegamtootaa bilisummaan baasuuf adda durummaan hirirtanii jirtan, bartooti Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa hambaa jirtan, fi akkasumas ilmaan Oromoo marti baga guyyaa seena qabeessaa fi guddaa kanaan isin gaheen jedha.
Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) yeroo kaafnu adda durummaan kan yaadannuu bartoota Oromoo ti. Kunis bartooti Oromoo adda durummaan Fincila Diddaa Gabrummaa waan geggessaa turanii fi akkasumas wareegama guddaa waan baasaniif. Bartooti Oromoo sochii kana keessatti wareegama guddaa hakkaffalan iyyuu malee injifannoon isaan ummata keenyaaf galmeessisan waaa xiqqaa miti. Wareegama isaan baasaniin diinni Oromoo handhuura biyyaa isaa keessaa baasuuf abbuurrate ture dhisuuf dirqameera. Fincila Diddaa gabrummaa irratti gahee kan qaban barnoota qofaa dha jechuu keenya miti. Qonnaan bultooti, hojjettootni, barsistoti fi murni hawaasaa kanneen biroon qooda irraa eegamuu bahan hedduu dha.
Sochiin bartoota Oromoo seenaa qabsoo bilisummaa saba Oromoo keessattii bakka guddaa qaba. Ummatni Oromoo fincila diddaa kolonii yeroo dheeraaf bifa faffaca’aan geggeessaa ture. Fincilooti kanneen osoo quba wal hin qabaatiin bakkayyuutti geggeffamaa turan. Waan hin waltofnee fi waliif birmatuun hin turreef injifannoo mirqaansaa hin argamsiifne. Bakkuma namni jabaan tokko humnaa gabroofataa irratti finciletti malee guddatee dhageettii sadarkaa Oromoottis ta’ee halagaa biratti hin horatne. Fincilooti baadiyyaa Oromiyaa bakkoota adda addaatti ka’anii turan amala ka’anii dhaamuu qabu waan tureef gaaffii siyaasaa ummata Oromoo addunyaatti beeksisuu hafnaan hawaasa Oromoo hundaa bira gahuu iyyuu hin dandeenye. Kanaafi dhageettii guddaa osoo hin argatin hafan. Beektotaa fi barattoota Oromo kanneen ABO bu’ureessaniif garuu barnoota guddaa tahan. Fincilli Oromoo kan bifa waldaa walgargaarsaa Macca fi Tuulamaa qabatee ka’ee finciloota baadiyyaa Oromiyaatti tahan caalaatti ummata Oromoo kutaa fi amantii adda addaa walitti fiduu duwwaa osoo hin taane golee Oromiyaa mara keessatti dhageettii argatee yeroo gabaabaa keessatti miseensota miliyoon lakkaawaman horate. WMT keessatti miseensa tahuun barattooti Oromoo qooda isaani irraa eegamu gahummaan bahaniiru. Erga WMT seeraan dhorkamee ammoo beektootii fi baratooti Oromoo qorannoo isaanii bifa dhoksaan itti fufuun, seenaa Oromoo qorachuun, kan addunyaa fakkeenya fudhachuun ABO akka bu’ureeffamu taasisuu keessatti qoodni barattooti Oromoo kennan guddaa dha. Erga ABO bu’ureeffamees qoodni barattoota Oromoo dhaabicha gad jabeessuu irratti kennan seenaa dhaan yaadatamaa kan hafuu dha.
Sana qofaa iyyuu osoo hin taane; sochiin bartooti Oromoo godhan unkaan siyaasaa impaayera Itoophiyaa yeroo adda addaatti akka jijjiramu gochuu keessatti shoora guddaa qaba. Fakkenyaaf, sochiin bartoota Oromoo gochaa turan jijjirraa sirnaa “Nugisichaa” irratti godhame keessatti gahee guddaa qabu. Sochiin bartoota Impaayeritti 1960ta keessa yeroo fininaa turee keessatti bartooti Oromoo adda durummaan kanneen hiriran keessa akka turan beekamaa dha. Sochii bartoota impaayerittiitti bifa tolchuu fi gaaffiin barataan qabatee sochiif gurmaawu qopheessuu fi qindeessuun hojii bartoota Oromoo ture. Asitti kanneen akka Gabayyoo Firissaa, Baaroo Tumsaa, Muhee Abdoofaa kaasuun fakkeenyaa gaarii dha. Bartooti kanneen sochii bartootaa qindeessuu fi hogganuutti turan. Kana kan godhan ammoo sirni nama nyaataan ‘Nugusichaa’ adda durummaan kan miidhaa ture ummata Oromoo waan tureefi. Sirni kun jijjiramuun ammoo ummata Oromoof boqonnaa haraa ta’a jedhanii waan amananiifi. Fakkeenyaaf gaaffii “Laafti kan qotataa haata’u” jedhu bartooti impaayerittii yeroo dheeraaf dhaadhannoo godhatanii ittiin sochii gochaa turan kanneen qopheessan (coined) Baaroo Tumsaa fi wahillan isaa ta’uu seenaan ragaa baha.
Qabsoon kanaan dura bartooti Oromoo godhaan injifannoolee jajjaboo argamsiisaniiru. Ta’uus amma illee Oromoon mirga abbaa biyyummaa fi gaaffiin bilisummaa isaa hin kabachiifanne. Mirgi uumamaa, mirgi dimokiraasii akka sabaatti Oromoon sarbamee jira. Mirga abbaa biyyummaa, bilisummaa saba isaaniif jechaa har’a illee bartooti Oromoo adda durummaan hiriranii falmataa jiru. Dhaaba isaanii bilisummaaf falmaa jiru irra qajeelfama fudhachuun fincila diddaa gabrummaa golee Oromiyaa hunda keessartti qabsiisanii wareegama guddaa baasaniiru baasaas jiru. Wareegamaa basaniinis qabsoo Oromootti dhageettii fi mararfannoo horaniiru. Guyyaan yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaas wareegama bartoota kana nu yaadachiisa. Wareegama kana qaabachuu qofaa osoo hin taane har’a kan jirru ammoo akkamiin kaayyoo isaan wareegamaniif kana bakkaan geenya jetnee sanaafis uf qopheessuu qabna. Waan ta’eef dhaamsa keenya akka armaan gadiitti isiniif dhaamna.
DHAMSAA SBOBA QAAMOLEE ADDA ADDAAF
Dhamsaa waliigalaa Oromoo hundaaf
Seenaa Gabrummaa Oromoo bara dheeraa fi seenaa dammaqiinsa Oromoo bara gabaabaa walin yoo madaalame sadarkaa QBO irra jiru sadarkaa boonsaa fi kan hamilee qabsoo finiinsu tahuun beekuun hubannoo SBOBA yeroo ammaa ti. Kanaafuu, kana beekuun bakka jirruu hamileen qabsoo finiinsuuf ka`uun dirqama Oromoo maraa ta`a. Qabsoo bilisummaa adda durummaa ABOn geggeeffatamtuun injifannooleen akka sabaatti galmeeffaman salphaa kan ilaalaman akka hin taane beekamaa dha. Injifannoolee kana galmeessun kan danda’ame tokkummaa ummataa fi qabsaawotaa cimsuun, gurmuu sabaa fi miseensotaa jabeeffatuun akka tahe wal nama hin gaafachiisu. Haallan har’a mumula’tan garuu tokkummaa ummataa fi qabsaawota kan sharafan tahanii argamu. Haallan tokkummaa ummata Oromoo fi qabsaawotaa sharafan hundaa dura dhaabbachuun barbaachisaa akka tahe dhaamsa SBOBA ti. Yoo kana hin taanee umriin gabrummaa akka nurratti dheeratuuf hayyamuu ta`a. Sabni cunqurfamaan keessa isaatti tokkummaa hin qabne gabroomfataan akka irra turuuf afeerrraa godhaa jira. Kanaaf bakka jirruu maraa ilmaan Oromoo tokkummaa keenya jabbeessuu fi qabsoo cinaa akka dhaabbannu dhaamasa keenya kabajaan isiniif dabarsina.
Oromoota biyya keessaan jiirtannif
Akkumaa beekamu galma gahuun qabsoo bilisummaa tokko gamtaa fi tokkummaa saba garboomee irratti hundaa`a. Gamtaa fi tokkummaa jabeesuun bartoota Oromoo waliin FDG finiinsuun diinota keenya kan ammaas ta`e kan hegeree dura akka dhaabbattan jetna. Oromiyaa keessa hundi faajjii gootota QBO irratti wareegamanii ol kaasudhaan seenaa haaraa galmeessuuf tokkummaan fincila didda garbumma bifa haaran finiinsuuf waan nurraa eegamuu hundaan akka qophoofnu waamicha lammummaa isiiniif dhiyeessina.
Dhabbilee Siyaasaa Oromoo Hundaaf
Yeroon amma kun yeroo itti gargarummaa babal’isan osoo hin taane gargarummaa jiru dhiphisanii waloon diina waloon qaban irratti ka’anii dha. Diinni Oromoo yeroo kamuu caalaa tarkaanfii hameenyaa fi suukanneessaa ummata keenya irratti jimlaan fudhataa jira. Diinni yeroo ammaa kana Oromoo ta’ee kan Oromummaa isaa ganee isa jala hin kurkurre hundaa gama hundaan miidhaa jira. Barataa Oromoo hegeree Oromoo ta’ee hidhuu, ajjeesuu, fi biyyaa baasuu, kan kana irra hafe ammoo akka tasgabahee barnoota isaa hin baratne lola qorqalbii irratti deemsisaa jira. Daldalaan Oromoo daldaltoota gabroomfattootaatiin gabaa keessa dhiibamanii bahaa jira. Qonnaan bulaan Oromoo gatii xa’oo fi gibiraa baasuu dadhabee mannii isaa fi loon isaa irratti gurguramanii hedduun beelaaf saaxilamee jira. Dargaggoon Oromoo hojii dhablee dha. Dhaabbileen Oromoof qabsoofna ufiin jettan ammoo haala kana cinaatti dhiftanii gargarummaa siyaasaa isin gidduu jiru irratti xiyyeffannoo kenninee yeroo guddaa gargarummaa haasawuu irratti osoo yeroo fi humna gubdanii argina. Bu’aa Oromoof akkamitti buufnaan hafee xiqqaatu illee kan bu’aa buusaa jiru irratti osoo duulamuu argina. Diina irratti akkamiin wal-taanee qabsoofnaan hafee tokko isaa kaan dhabamsiisuuf yaaluutu mul’ata. Kun ammoo akkuma kaleessaa seenaa irraa hubatnu bu’aan isaa diinaaf malee ummata keenyaaf bu’aan buusu tokko illee hin jiru. Ufii walsakaallee diinaaf anjaa uumuun akka gidiraan ummata keenyaa dheeratu taasifna. Kanaaf garagarummaatti bakka keenuu dhiiftanii, sadarkaa duraatti diinota Oromoo tarismoo fi muummee ta’an irratti akkamiin tokko taanee qabsoofna kan jedhuu irratti akka waliin hojjettan maqaa gootota Oromoo kaleessa qabsoo kanaaf wareegamanii fi ammas wareegamaa jiraniin dhaamsa lammummaa isiniif dabarsina.
Ilmaan Oromoo Biyya Hambaa Jirtan Maraaf
Hedduun ilmaan Oromoo yeroo amma kana biyya hambaa jirtan miidhaa fi daraaraa diina irraa kaatanii akka biyya abba keessanii (Oromiyaa) dhiiftanii baatan hubatamaa dha. Kabajaa fi ulfinni dhala namaa biyyaa isaa irratti ta’uu eenyu caalaa kan hubatu isin warra biyya hambaa keessa jirtan kan hubatu jira jetne hin ammannu. Kabajaa fi ulfinaa dhala namaaf uumamaan kenname kana qabachuuf ammoo biyya abba ufiitti bilisummaan deebi’uu malee furmaati biraan hin jiru. Kanaaf ammoo tokkummaan walgurmeessuun qabsoo cinaa hiriruu fi qabsoo bilisummaa tin’isuun furmaata filannoo hin qabnee dha. Kanaaf shiraa dinnii uumee tokkummaa keessan diiguuf tattafataa jirutti bakka osoo hin kennine ka durii caalaa walgurmeessuun akka qabsoo bilisumma utubdanii fi sagalee Oromoo hawaasa addunyaa biratti olkaaftan dhaamsa Oromummaa isiniif dhaamna.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!
''''<.>""
Bilisa taanee dhalannee bilisa taanee jiraachuu dhoorkamnus
bilisummaa keenyaaf qabsaa’aa du’uu irraa nu dhorkuu Kan
danda’u humni tokkolleen hin jir!u, hin jiraatus |